Artwork

Content provided by CHALA ABATE. All podcast content including episodes, graphics, and podcast descriptions are uploaded and provided directly by CHALA ABATE or their podcast platform partner. If you believe someone is using your copyrighted work without your permission, you can follow the process outlined here https://player.fm/legal.
Player FM - Podcast App
Go offline with the Player FM app!

Poem: Karaan kee marga Hin baasu

19:03
 
Share
 
Manage episode 362164678 series 2805990
Content provided by CHALA ABATE. All podcast content including episodes, graphics, and podcast descriptions are uploaded and provided directly by CHALA ABATE or their podcast platform partner. If you believe someone is using your copyrighted work without your permission, you can follow the process outlined here https://player.fm/legal.

aanaa2013@gmail.com

Walaloo dheeraa kana bara #2013 barreesse. Waggaa 10 guute.
KARAAN KEE MARGA HIN BAASU!
Karaan miilaa xiqqoon, isheen irra bobbaate
daamotiin qabaattee, ittiin guca nuu taate,
dukkana roobarraa, gaafas calaqqistee
Dimimmisa jabaa, kan caaltee hangaate
dachiin dhiphattee,ati futtaaftee hiiktee
Daandii manii borii , kan haqaaraf yaaltee
Kan ati eegalte, kan ati irra marmaarte
Xonboora qabattee, ofii keetif gubattee
Akka dungoo cobxee,meeqaf ifa laattee
situ nuuf daawitii, sumaan biiftuun baate.
Karaan kee, gaafasii, akkamiin baasa marga
dhaloota qarayyootu, bal'isee itti fagaa
daandii kee qabatee, maniin gahuuf fiigaa
Kaayyoo kee dhugoomsuuf, finnni hardhas dhiiga.
Oromummaa dhugaa, bu'ura godhattee,
tokkummaa sabaa, daran jabeessitee,
biyya ijaarudhaaf, qabsoo finiinsitee,
eyyeen guddifnee, alaan allus halaalarraa
galmi keenya guddaan, maniin Oromiyaarra.
Karaan kee gaafasii,
damboobee hanga’eeraa,
Kaayyoo ulfoowwanii,
onneet guduunfateera.
Qaaman baayyattanillee, isin tokko yoomuu.
Isin jedhee, an yoomuu sin waamu.
Kaleessas, dheengaddas,
hardhaa fi borus kunoo situ jiraa,
gadaa darbeef dhufus,
dhaloonni faana kee hiriiraa
guduunfaa keetu, lammii baatee jira.
Gadaan Meelbanaa,duroo Milkiin saara.
Samiin gurraacha'ee, duumessi dacha'ee
hurriin hin muldhatuu, bookkisuuf qophaa'e
rooba jaalalaa roobsuuf, samiinis ulfaa'ee,
mallattoo waloommiii, milkiitu muldhataa
garuuyyuu haallata, Faroonoo toleeraa
yeroon gamtaan lolan, gadaansaa gaheera.
kunoo gamanaa fi gamaa,
daandiin qajeeleraa
geerraree wal waamaa,Foolin urgaa'eeraa
guyyaa Bilisummaa, Qaata dhiyaatera.
yeroon huruumanii, hurruma seenanii
hurruma tottoleen, ummatti bahanii
waliin imalanii, wal wajjin galani.
Karaa jara keenyaa,
abbootii qaqqaaroo
warra boojuu hin beekne ,
jara didan roorroo
warra afaan keenyaaf, tahan abukaatoo
dhalootaa saranaaf jara tahe kortoo.
Diina Orom innika,isa nuuf hin ciifne
Jara jibba labsee, jibbi garaan baane,
Jibbuma dhaalchiftee,akaakileen baane
raagni isaanii fashalee,
goonni keenya caalee
Dhiiroo qoosaa mitii, akka itti as geenyee,
kumaatama dhabnee, jiraattii awwaalamnee
Oromoo tahuudhaaf,hedduun wareegamee
afaan Oromoo dubbachuun,
yakkamaa jedhamee
saba koo hubadhu ,waallee qalbifadhu,
afaan keenyaa yoom, akka afaanittuu
Jaraan , lakkaawwamee,
raadiyoo cabsaadhaan,
dhagaatti hiikkamee
afaan itti qaanii,
akka tahuuf, afaan simbiraa jedhamee
maal afaan keenya qofaa,
maqaan keenyaa xuraahee
Caalaa CUUBEE CEBBEXEE,
Abbabbaa bassoo fixee.
Kan isaanii qanani'eet,
nyaataf kaadhimammee
keenyaa aarin du'eet,
waraansaf kenname.
CAALAA HAAHILUU tiin
Ebla,2013
Sudan, Shagarab Refugee Camp
https://youtu.be/KnVxEsXZO1M

Support the Show.

  continue reading

193 episodes

Artwork
iconShare
 
All episodes

×
 
Loading …

Welcome to Player FM!

Player FM is scanning the web for high-quality podcasts for you to enjoy right now. It's the best podcast app and works on Android, iPhone, and the web. Signup to sync subscriptions across devices.

Quick Reference Guide